HAAROM!

 HAAROM



Waldaan Aksiyoona Biizinasii Garee Haarom barattootaa fi dargaggoota ciccimoon qorannoo maaltu naannoo keenya jira? Haala amma jiru irratti hundoofnee kana booda sochii akkamii gochuu dandeenya? jedhan irratti marii baldhaa erga gaggeessen booda  kennaa addaa fi mul’ata nama hunda keessa jiru walitti fidee hojiitti hiikuuf waldaa hundeeffamedha. Qabeenyaa fi humna naannoo isaa jiru fayyadamee abbootii aksiyoonaa fi hawaasa isaa fayyaduuf kan dhaabbate waldaan Aksiyoona Biizinasii Garee Haarom dhugoomsituu dheebuu dhalootaati. Waan qabnu beekuu caalaa kan qabnutti fayyadamuun dhuguma ogummaadha. Haarom waliin hojjachuun ogummaadhaan milkii filachuudha.

Boordii haarom muraasa

Haarom jechuun maal jechuudha?

Haarom hiika kallattii sirreeffami jedhu qaba. Dhalli namaa guyyaa guyyaan jireenya isaa keessatti haareffama baay'eekeessumeessaa kan ooluu fi haareffamuufis dirqama kan qabu yoo ta'u akka haaromitti kaayyoo guddaa ilaalcha uummatni keenya diinagdee fi waliin hojjachuuf qabu jijjiruuf hiika oolu qabaata.

Haareffamuun daanga maleessa:-Har'a boriis iftaniis hanga lafa kana irra jirrutti dhala namaaf wanti dirqama ta'e haara'uudha.
Yeroo yeroon namni qaama isaa kan dhiqatu wayyaa isaa kan miicatu akka amantii isaatti mana amantaa deemee waaqa isaa kan kadhatu haareffamuudha. Haarom ergaa guddaa ajajaan guute kan ilaalcha kee  jijjiri, Adeemsa biizinasii kee  jijjiiri, Ilaalcha waliin hojjachuuf qabdu jijjiri jedhu dabarsuuf kan moggaa'e haarom kanaa ol hiika biizinasii hedduu fi baldhaa qabaata.


Gaggeessitootaa fi boordii haarom muraasa


ERGAMA

ü  Hawaasa isaa fayyadamaa gochuuf damee qonnaa, tajaajilaa fi industirii ammayyeessun cimina, qulqullinaa fi kutannoodhaan hojjachuu fi Abbootii aksiyooona bu’aa qabeessa taasisuu.

MUL’ATA

ü  Sadarkaa biyyaatti waldaa aksiyoonaa oomisha meeshaalee ijaarsan jaallatamaa, dorgomaa ta'ee fi  kaappitaala guddaa sochoosuu fi fedhii maamiltoota isaa dureeffate arguudha.

GALMA

ü  Hawaasa humna, beekumsa, ogummaa fi qabeenya isaa walitti fidee  tajaajila haawwataa, si’ataa fi qulqullina qabu argatu ijaaruu. 


KAAYYOO HUNDEEFFAMAA

Waldaan Aksiyoona biizinasii garee haarom kaayyoo guddaa mul'ata dhaloota keessa jiru lafatti fidee agarsiisuun ofii fi biyya jijjiruu qabtee kan ba'e yoo ta'u hojiiwwan armaan gadii hojjachuuf kaayyoo qabatee jira.

  •       Damee qonnaa, Industirii fi saayinsii ammayyeessuu.
  •       Albuuda naannoo isaatti argamu irraa hawaasa fayyadamuu gochuu.
  •      Oomisha qotee bulaan oomishu sadarkaa qulqullina isaa eeggateen gabaa giddu galeessaa fi alaaf dhiyeessuu.
  •     Hanqina humna namaa furuuf konkolaachistoota, Ogeessotaa fi barattoota gahumsa qaban oomishu.
  •     Hoji dhabdummaa hir’isuuf Carraa hojii humna nama baratee fi ogummaan gita hojii banaa uumuu.
  •     Meeshaalee hawaasni baay’inaan barbaadu qulqullinaa fi gatii madaalawwaan dhiyeessuu.
  •     Haawasa beekumsaaf  teeknoloojiin dagaage ijaaruu.
  •      Tajaajila geejjibaa ammayyeessuu fi salphisuu.
  •     Meeshaalee ijaarsaa sadarkaa isaanii eeggatan oomishuu.

KAROORA YEROO DHEERAA

  •   Kuusaa, raabsaa fi gurgurtaa boba’aa fi dibata konkolaataa dhaabuu,
  •  Giddu gala leenjii konkolaachisummaa addunyaawwaa,Jijjirraa qaama konkolaataa, Maashinootaa fi supha isaanii dhaabuu,
  •  Koolleejjii fi dhaabbilee barnoota olaanoo ijaaruu,
  •  Giddu gala qorannoo qonnaa fi saayinsii hundeessuu,
  • Warshaa Simintoo, bishaan dhugaatii, Saamunaa, keemikaalaa, Daakuu, Sukkaraa fi k.k. dhaabuu,
  • Oomishaa fi dhiyeessii meeshaalee ijaarsa waliigalaa, 
  • Hojii qorannoo fi dhiyeessii albuudaa.
  • Galtee qonnaa fi raabsaa keemikaalotaa fi calla guddistuu ummataa dhiyeessuu

AKSIYOONA ILAALCHISEE

Gatiin Aksiyoona tokkoo qarshii Kuma tokko (1,000.00) yoo ta’u namni/ dhaabbatni tokko aksiyoonni xiqqaan Waldaa Aksiyoona  biizinasii garee haarom inni bituu danda’u xiqqaan digdama (20) qarshiitti Kuma digdama (20,000.00), aksiyoonni guddaan inni bituu danda’u kuma tokko (1,000) qarshiitti 1,000,000.00

Namni/dhaabbatni Aksiyoona Waldaa Aksiyoona Biizinasii garee haarom bituu barbaadu kamiyyuu dhiibbantaa digdamii shan (25%) yookaan tokko afraffaa (¼) aksiyoona bitachuu  barbaaduu fi qarshii hoji adeemsistuu dhibbantaa kudhan (10%) galii gochuu  qaba.

                         Hubachiisa

 Gurgurtaan aksiyoona yeroof gurgurtaa aksiyoonaa hundeessaati.






Dachee oro App

Dachee oro App blogging website is a website that provides in-depth explanation of services such as new applications, Engineering software tutorial, General Knowledge, Various software lessons daily. Start your best project right now with Dachee oro App and you can assure your best service from my end. I am waiting for your good response. Please feel free to contact me at any time. In addition, we will also look at online jobs that can be easily made money .

Post a Comment

Previous Post Next Post